ONM-ABO Ebla 23, 2025
Aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Gololee Tamsa’aatti waraanni PP Ebla 20, 2025 nama maqaan isaa obbo Waganee Taaffasaa jedhamu qabeenya inni qabu guutuu isaa waraanni faashistii PP saamuun ibsame.
Kana malees Oromummaa qofaan yakkanii mana jireenyaa isaas guutummaa guutuutti ibidda itti shidanii barbadeessuu jiraattonni kan himan oggaa ta’u, maatii kana malees jiraattota hedduu irratti gochoota hamminaa raawwachaa jiraachuun addeeffameera.
Dabalataanis gochi sarbamiinsa mirgoota namoomaa loltoota koloneel Abiy Ahimediin adeemsifamaa jiru daangaa darbuun waraanni akka feeteen PP kanneen jiraachuu uummata Oromoo hin jaallanne miidhaa jajjabaa saba Oromoo irratti qaqqabsiisaa akka jiranis ibsameera.

