Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti  waraanni faashistii PP manneen jiraattotaa gubuu fi qabeenya saamuun beekame 

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Bilxiginnaan cunqursaa fi hacuuccaan Oromoo bituuf jecha milishootaa fi waraana barcuma aangoo isaa eegan uummata Oromootti bobbaasee yeroo ammaa kana saamicha daangaa darbe irratti jabeessee jira

Akka kanaanis Waxabajji 3, 2024 godina Lixa  Shaggar aanaa Jalduu ganda Qarsaa Mirxii jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Obbo Fayyee Danda’aa yakka tokko malee mana isaatti  ibidda  shiduun jalaa gubanii qabeenya isaa ammoo midhaan kuntaala 11 saamanii akka deeman ibsame. 

Obbo Fayyee jalaa manni isaa lama kan gubate yoo ta’u, manni tokko qorqorroo baallee 65 fi tokko ammoo 30 ta’uu  maddeen gabaasuun, meeshaaleen mana keessaas tokkollee akka hin baane dabaluun ONM’tti himaniiru. 

Dabalataanis guyyuma sana ganda Qarsaa Mirxii keessaa namoota maqaan isaanii nu hin geenye sadii jalaas qabeenyaa isaanii waraanni sirnichaa manatti itti ol seenuun isin deggertoota ‘WBOti’ jechuun jalaa akka saamanis beekameera.

Yakki namoomaa jiraattota nagaa hirmaannaa siyaasaa fi deggeraa qaama kamii namoota hin taane irratti deemaa jirus uummata Oromootti abdii dukkana’aa itti ta’ee akka jirus ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version