ONM-ABO Hagayya 17, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gololee fi Tamsaa keessatti shiftoonni murna Bilxiginnaa Obbo Damusee Admaasuu jalaa loon 6 offaachuun bakkuma sanatti horii 2 qalatanii nyaachuun gariin ammoo ooffatanii deemuun ibsameera.
Kana malees:
- dargaggoo Haluu fi
- Obbo Alamaayyoo Kaffaaleny
jalaa mana isaanii qabeenya guutuu waliin ibidda itti shiduun barbaadeessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu biraatiin ammoo mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa Gololee fi Tamsaatti uummata walitti waamuun maqaa dabballoota aanaa kana keessa jiran yeroo gabaabaa giddutti qindeessaa nuuf eeraa jedhuun, qabeenya mana barnootaa sanaa kobbee, dabtara, ragaa barattootaa, dosee, fi qabeenya danuu uummatatti hiruun sa’atii muraasa booda maqaa dabbalootaa qabachuun dhaqanii akka galchanis jiraattonni himaniiru.
Bu’uuruma kanaanis uummannis gabaasa maqaa dabbalootaa Waraana Bilisummaa jedhamu kennuufii baqachuun oggaa jalaa dheessu, qabeenyaa mana barumsaa sana keessaa guutuu gadi baasuun uffannaa barsiisotaa, kitaabotaa fi kanneen biroo ibidda itti shiduun akka barbadeessan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota irraa mirkaneesseera.
Oduu hidhaatiin ammoo namoota maqaan isaanii:
- Obbo Dhugumaa Gammadaa,
- Obbo Taffaasaa Tafarii,
- Rattaa Taffasaa,
- Haadha warraa Obbo Damisee Amsaaluu Aadde Shawuu Dassuu horii lama jalaa ooffachuun kan qaban,
- Aadde Tikkii Takkaa fi
- Aadde Kumee Roorrisaa
kanneen jedhaman qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Gareen faashistii PP barnootaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuun loltootni isaa manneen barnootaa gubaa kan turan yoo ta’u, Hagayya bara 2024 keessa ibsa ofii isaa kenneen godina Kaaba Shaggar keessatti manneen barnootaa 230 ta’an gubachuun, barattoonni 67,000 ol barnootaan ala ta’anii jiru jedhee ture. Akka waliigalatti sababa rakkoo nageenyaa fi jireenyaan Oromiyaa keessatti qofa barattootni miliyoona 3.2 ta’an barnootaan ala jiraachuu gabaasaaleen adda addaa ni addeessu.

