Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Toleetti manni qonnaan bulaa tokkoo marsaa lammaffaaf waraana garboomfataa PP’n gubate

ONM-ABO Caamsaa 19, 2025 

Jiraataa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gololee Tamsaa kan ta’e Obbo Abduljaabbar Alii kan jedhamu jalaa waraanni aanaa Qarsaa Maallimmaa irraa bobba’e Caamsaa 15, 2025 mana 1 gubuun ibsame.

Obbo Abduljaabbar baatii tokko duras mana lamaa fi qabeenyi inni qabu guutuun loltoota murna PP’n jalaa kan gubate yoo ta’u, marsaa lammaffaafis gara qe’ee isaa deemuun akka guban jiraattonni dubbatu.

Bilxiginnaan manneen gubuu akka tooftaa waraanaatti fayyadamuun uummata dararuu jabeessee jira.

Maatiin akka kanatti Oromiyaa keessatti manneen jalaa gubachaa fi dararaan irratti adeemaa jiru kunneen maqaa Bilxiginnaan ala qaamolee biroo waliin hariiroo uumaa jirtu jedhuun hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis maatii hedduun bakka quubsumaa dhabanii rakkataa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version