Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa  Shaggar aanaa Jalduu keessatti saamichi qabeenyaa jiraattootaa irratti waraana faashistii PP’n jabaatee itti fufe

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Naannoo Oromiyaa godina Lixa  Shaggar aanaa Jalduu keessatti waggoota shanii oliif rakkoon nageenyaa bal’aan jiraattoota irra waraana faashistii PP’n maqaa isin deggertoota WBO’ti jedhuun irra ga’aa jiraachuu jiraattonni onichaa himan.

Hawaasni aanichaa ONM’f yaada isaanii qoodan akka jedhanitti namoota hirmaannaa siyaasaa kamirraa walaba ta’an  qabata Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabduutiin qabeenyaa isaanii saamuu, namoota nagaa hidhuu fi ajjeesuun dararaa ulfaataa irratti akka raawwatanis dubbatu.

Keessattuu saamichi qabeenyaa fi mancaatiin qabeenyaa jiraattoota irratti waraana faashistii PP’n raawwatamaa jiru jabaachuun torban kana keessa aanaa Jalduu ganda Kilbee jedhamu keessaa obbo Mulee Abdiisaa kan jedhamu mi’a mana keessaa jalaa fe’achuun beekameera.

Dabalataanis ganda Qoricha Badhaas keessaa obbo Tarreessaa Addunyaa jalaa sangoota sadii fudhachuun magaalaa Boniitti geessuun yoo qalatan, ganda Qoricha Dheeraa keessaa ammoo obbo Daandanaa Fayyisaa jalaa Hoolota shanii fi loon tokko jalaa akka ooffatan jiraattonni himan.

Uummanni aanaa Jalduu waraana gabroomfataa murna abbaa irreetiin qe’ee fi qabeenya isaa irratti miidhamaa jiraachuu himachuun, rakkoon sabicha irra ga’aa jiru hatattamaan yoo hin dhaabbanne egereen sabichaa gara badiitti deemaa akka jirus itti dabaluun jiraattonni himaniiru.

Exit mobile version