Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti hidhattootni Abiy Ahimediin uummata nagaatti bobbaafaman daa’ima ganna 13 tokko ajjeesuun namoota irrattis reebicha ulfaataa raawwatan 

ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023

Murni ol adeemtootaaf hin tolle bilxiginnaan, waraana maalif akka meeshaa baatan hin beekne baayinaan teessuma aangoo isaaf jecha hawaasa gidduutti bobbaasuun ajjeechaa gara jabeenyaa ilmaan Oromoo irratti raawwachisaa jiru.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Kilbee keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Onkoloolessa 15, 2023 hidhattootni garee Abiy Ahimediin uummata nagaatti bobbaafaman kunneen daa’ima ganna 13 Mootummaa Guutaa jedhamu aarii waraanni bilisummaa Oromoo bakkichatti tarkaanfii irratti fudhateef jecha rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Akkasuma jiraattoota  gandichaa irratti reebicha ulfaataa raawwachuu fi qabeenyaa hawaasa tokko tokkos saamanii jiru jechuun, akkuma kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane jedhan sana, murni faashistii PPs haleellaa waraanni bilisummaa Oromoo irratti fudhatutti aaruun  kan dirree irara isa lolu dhiisuun namoota nagaa ajjeesuun isaanii mallattoo kufaatii isaanii agarsiisas jechuun jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version