ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2023
Ilaalcha ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu qabatanii kan bobba’aan hidhattootni PP, Dirree Oromiyaa keessa socho’an cufa keessatti ajjeechaa jumlaa dabalatee namoota nagaa kumaatamaan mana hidhaatti guuruun dararuu aadaa godhatanii hojjechaa jiru.
Hidhattootni ilmaan Oromoof naasuu tokkoo hin qabne kunneen lixa Shaggar aanaa Ilfaataa ganda Dirree Bareedaa jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii Amansiisaa Yaadatee fi Gashoo Dirribaa jedhaman dheengadda jechuunis Onkoloolessa 11, 2023 maqaa Waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun haala suukanneessaan ajjeesuu jiraattotni dubbatan.
Akka jiraattotni aanichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti namootni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan yoo ta’u, ajjeechaan gara jabeenyaa irratti raawwatames yakka isaanii malee ta’uu dubbatan.
Oromiyaa keessatti yeroo ammaa namuu yakka hojjeteen seeratti dhi’aatee yakki isaa mana murtiin ilaalamee adaba isaaf malu fudhachuu osoo qabuu, murtii seeraa malee hidhattoota garee faashistii PPn ilmi namaa akka bineensaatti ajjeefamaa jira.

