ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2023
Guyyaa kaleessaa jechuun Onkoloolessa 5, 2023 waraana bilisummaa Oromoo fi hidhattoota faashistii PP gidduutti lola aanaa Jalduu ganda Shukutee iddoo addaa mana baruumsaa Ilkee jedhamutti adeemsifamee ooleen gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii jabaa irratti fudhateen du’aaf madoon adabee jira.
Aarii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii irratti fudhate kanaanis kan baaraage hidhattootni kolonel Abiy Ahimediin uummatatti bobbaafaman kunneen namoota nagaa siyaasa irraa bilisa ta’an irratti ajjeechaa raawwachuutu himame.
Haaluma kanaan namoota nagaa mana isaanii keessaa gadi baasuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoof heeruu kennitan jedhuun Zarihuun Wayyeessaa Badhaadhaa fi Bokii Taraffaa Abbaa Nagaroo jedhaman ija maatii isaanii biratti ajjeessanii jiraachuu himu.
Akkasumas guyyaan kaleessaa magaalaa Shukutee keessatti guyyaa gabaa waan tureef uummata nagaa afur gabaa keessatti ajjeessanii jiraachuu himuun, namoonni ajjeefaman kunneen aanaa Gindabarat keessaa akka gabaa dhufanii fi maqaan isaanii yeroof akka adda hin baanes dabaluun ibsaniiru.
Godinuma lixa Shaggar aanaa Dandii ganda Gaalessaa keessattis gaafa Onkoloolessa 3, 2023 namoota maqaan isaanii Abarraa Guutaa jaarsaa waggaa jaahatamaa fi Baatiree nama waggaa soddomaa ajjeessanii daandii gubbaatti gatuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

