ONM-ABO Hagayya 11, 2023
Namuu Oromiyaa keessatti hojii isaa malee hidhattoota garee faashistii PP leenjii waraanummaa fi siyaasaa ga’aa hin qabneen maqaan Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxanfamuun hidhaa fi reebicha hamaa irratti rawwachuun namootni hedduun jiruu gadadoof akka saaxilaman gochaa jiru.
Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Bonii keessaa namoota hojii dhuunfaa isaanii irratti bobbaa’anii jiraatan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhu itti maxxansuun namoota maqaan isaanii Haayiluu Daadhii, Hirphaa Shoonee fi Doftee jedhaman badii tokko malee qabuun moonaa magaalaa Bonii keessa jiru keessatti torban tokkoo oliif erga hidhanii dararaa turaniin booda dheengadda Hagayya 8, 2023 moonaa magaalichaa keessaa baasuun gara magaalaa aanichaa Goojjootti dabarsanii hidhanii jiru jechuun maatiin hidhamtoota kanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maatiin hidhamtoota kanaa jedhanitti namoonni kun namoota siyaasa kam keessattuu hin hirmaannee fi hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan, sirnichi nama nagaa rakkisuu fi gadadootti hambisuuf ifaan ifatti hojjachaa akka jiru kan muldhisuudha jechuun komii qaban nuuf qoodaniiru.

