ONM-ABO Ebla 30, 2024
Uummata nagaan jiruu isaa geggefatu sirni bilxiginnaa bara aangoo impaayerattii kanatti dhufee kaasee nagaa dhoowwachuun maqaa waraana Bilisummaa Oromoo jedhu ragaa sobaa itti maxxansuun qabeenya isaa saamuu fi hidhaa daangaa hin qabne irratti raawwachaa jira.
Uummanni Oromoo sirna bilxiginnaa jalatti gidiraa hamtuu keessummeessaa kan jiru yoo ta’u namoonni jiraachuuf illee hedduu yaaddoo keessa jiraachuutu himama.
Ebla 27, 2024 Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii keessaa nama maqaan isaa Caalchisaa Dirribaa jedhamu jalaa horii sadii jalaa yoo fudhatan, Warquu Urgeessaa, Dhugoo Naggasaa, Birruu Magarsaa fi dargaggoo Shuumii Dararaa kanneen jedhaman mana isaaniitii qabuun gara magaalaa aanaatti geessuu isaanii jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Namoonni gochoonni kunneen irratti raawwatame kun namoota siyaasa irraa bilisa ta’anii fi hojii qonnaan ofii fi maatii isaanii jiraachisan ta’uu jiraattonni dabaluun ibsaniiru.

