Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aaaa Jalduu fi Dandii keessatti hidhattootni sirnichaa namoota nagaa rasaasaan rukkuchuun yoo madeessan manneenis gubuun saamichas raawwatan 

ONM- ABO Amajjii 5, 2024

Murni bilxiginnaa abdii kutannaa irraan kan ka’e duula duguuggaa uummata Oromoo irratti waraana naamusaa fi hawaasa hin kabajne bobbaasee guyyaa guyyuu gochoota jibbisiisoo fi hawaasa abdii kutachisan raawwachaa jiru.

Amajjii 3, 2024 lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Qoricha Dheeraa keessatti hidhattootni maqaa sakatta’iinsaan magaalaa Bonii irraa gandichatti bobbaafaman dargaggoo Hurgee Taaddasaa jedhamu rasaasa sadiin miila isaa irra rukuchuun yoo madeessan, gandichuma keessatti sa’atuma wal fakkaatatti Aaddee Alamii Araddaa harkaa fi miila reebuun yoo cabsan, obbo Abarraa Sobbooqaas miila isaa cabsan jedhu.

Guyyuma sana aanaa Dandii ganda Daannisa Shoonnoo keessatti Obbo Dhaqabaa nama jedhamu reebicha ulfaataa irratti geggeessun Saanjaan waraananii yeroo ammaa rakkachaa jiraachuus dubbatu.

Gandichuma keessatti obbo Girmaa Raggaasaa jalaa mi’a mana keessaa dabalatee osoo waa tokko hin baafatin jalaa gubanii kan barbaadeessan yoo ta’u, obbo Lataa Xaafaa fi dargaggoo Hayilee Xaasoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuun qabeenyaa isaaniis akka saaman jiraattotni ganichaa himu.

Ajjeechaa seermalee dabalatee aanoota kanneen keessatti saamichi daangaa hin qabne yeroo hedduu irra deddeebiin yoo mul’atu, namoonni hedduunis jiruu baqaaf akka saaxilaman dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version