ONM-ABO Waxabajji 20, 2023
Ajjeechaan daangaa darbe uummata Oromoo irratti bifa adda ta’een waraana faashistii PPn geggeeffamaa jiru haala gaddisiisaa fi ulfaataa ta’een maatiin tokko guutuu, abbaa, haadha obboleessaa fi obboleettiin osoo hin hafin jumlaan irbaataa rasaasaa ta’uun awwaalamaa jiru.
Waraanni gootummaa isaa hawaasa harka duwwaa irratti agarsiisu kun lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Ganjii Gooro Horee bakka addaa Shaambaa jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 19, 2023 ganama sa’a 12:00 irratti bakka qubsuma ishee moonaa Dikii fi Galaan Waddeessaa keessa barii barraaqaan sochii taasiisun mana tokko keessaa maatii afur rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan nama lama madeessan.
Namoonni maatii tokko keessa ajjeefaman kunis Hirphaa Iddoosaa Hurrisaa fi ilma isaa waliin, Kiisaa Hirphaa Iddoosaa, Dassuu Iddoosaa Hurrisaa kanneen jedhaman haala gaddisiisaa ta’een mana tokkotti jumlaan ajjeefamanii jiru.
Obbo Qaabataa Iddoosaa Hurrisaa fi obbo Dajanee Gadaa kanneen jedhaman ammoo rasaasaan harkaa fi miila isaanii irra rukutamuun kan mada’aan yoo ta’u, yeroo ammaas mana yaalaatti akka hin yaalamne hidhattoota garee maafi’aa PPn dhorkatamuun du’aaf jireenya gidduutti argamus jedhaniru.
Akka jiraattotni dubbatanitti maatii fi firoonni illee reeffa kaafatanii akka hin awwalanne dhorkamanii jiru jechuun, maatii qonnaan bultoota irratti gochi onnee namaa cabsu kun raawwatamuun isaa egereen biyyatti maal ta’u akka dandeessu tilmaamuun nama hin dhibu jedhu.
Waraanni faashistii kun Caamsaa 1, 2023 mana maatii kanaa gubee kan ture yoo ta’u, duguuggaa sanyii murni abbaa irree uummata Oromoo lafa irra duguuguuf karoorfatee ifaan ifatti hojjachaa jiru irratti tokkummaan qabsaa’uu akka qabu jiraattotni dhaamanii jiru.

