Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar aanaa Sabbataa Hawaas keessatti maatii tokko dabalatee namni afur haala suukkanneessaan waraana sirnichaan ajjeefaman

ONM-ABO Ebla 6, 2024

Muddama ulfaataa keessa seenuun murni bilxiginnaa yeroo ammaa akka guutuu Oromiyaatti ajjeechaa jabeessuu irratti kan argamu yoo ta’u, kaadirootni PP warreen garaaf bulan, taayitaan isaanii dhibbantaa namoota nagaa ajjeesanii irratti hundaa’uun kan dabalamuuf akka ta’e hubachuun Oromiyaa guutuu keessatti dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasuu jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan Ebla 3, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sabbataa Hawaas ganda Dabal Yohaannis jedhamu keessatti hidhattootni kunneen barii irra gara ganda sanaatti imaluun namoota nagaa hojii qonnaa dalagachuun jiraatan maatii tokko keessaa nama sadii fi nama tokkos olluma isaaniitii ajjeesuun beekame.

Namoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Girmaa Daadhii umrii 37, Suuyyumee Geetaachoo 40, Guddisaa Geetaachoo 20 fi Geetaachoo Caakkaa jaarsa umrii 68 yoo ta’an, haala suukkanneessaan bakka tokkotti ajjeefamuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Guyyuma sanas dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Taadduu Hamdee fi Gammachuu jedhaman gandichuma keessatti ajjeefamuu isaanii guyyaa kaleessaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version