ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Sirni abbaa irree mootummaa uummataa ijaaruuf karoora tarsimaawaa qabaachuu dadhabuun isaa diigumsa hamaa impaayerattii keessatti uumuu fi waraanni jabaan akka ka’u taasisee yeroo jirutti, lola kallattii hundaan adeemaa jiruun milkii fi injifannoo dhabuun sirnichaa, gara kufaatiitti isa geessaa akka jiru eenyu jalaas kan dhokate miti.
Akkuma kanaanis yaaddoo aangoo isaaf qabuufis sirni bilxiginnaa hawaasa harka duwwaatti deebiyee saamuu, mana irratti gubuu fi dararuu aadeffachuun Waxabajji 13, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sabbataa Hawwaas ganda Dabal Qajiimaa jedhamutti waraanni faashistii PP magaalaa Kallacha Guddaa jedhamu irraa ba’uun mana maatii tokko, baay’inni isaa sadii kan ta’e ibidda itti shiduun meeshalee mana keessaa waliin gubuun barbadeessanii deemuun beekameera.
Maqaan namoota manni jalaa gubatee Aadde Baqqalee Mokkonnon mana 2, ilma isaanii Dirribaa Guutaa jalaa mana tokko yoo guban, torbee darbe ammoo midhaan xaafii ardaba 2 saamuu fi hoolota rimaa lamas jalaa ooffatanii deeman.
Manni gubate kunneen meeshaa maatiin qaban: uffata, siree, teessuma, qodaa gosa adda addaa dabalatee osoo homaa maatiin hin baafatin jalaa gubuun maatiin ilmaan guddisan rakkoo ulfaataaf saaxilamanii akka jiran himaniiru
Guyyuma kaleessaa Obbo Gabbisaa Kabbadaa nama jedhamu jalaas qotiyyoo lama ooffachuun akka deeman jiraattonni ONM’tti himaniiru.

