ONM-ABO Adoolessa 26, 2024
Waraanni gabroomfataan bilxiginnaa heeraa fi seerota barreefamaan jiraniin faallaa hojjechuun fedhii fi hawwii mataa isaanii qofaaf jecha hawaasa nagaa irratti roorrisuun saamichaa fi dararaa adda addaa Oromiyaa guutuutti raawwachuu jabeessaniiru.
Bifuma kanaanis kaleessa Adoolessa 25, 2024 Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Harbuu Waanbar jedhamu keessaa waraanni faashistiin bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Tolosaa Roobalee jedhamu jalaa sangoota 2 saamuun akka deeman jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Kana malees kanaan dura qabeenyi isaa fi kan maatii isaa manni jalaa gubachuu dabalatee qabeenyi hedduun akka jalaa saamame kan himamu yoo ta’u, shakkii waraanni bilisummaa Oromoo naannoo kana buufataa fi hariiroo waliin qabdu jedhuun akka ta’es beekameera.
Jiraattonni ona Qarsaa Maallimaa irraa ONM dubbise yaada nuuf qoodaniin akka jedhanitti sirni bilxiginnaa jibbiinsa Oromoo fi Oromummaaf qabuuf jecha afaan qawween nu ukkaamsee bulchuuf ajandaa isaa baafatee kan jiru yoo ta’u, yakkoota hawaasni hin qabneen hidhuu, saamuu fi ajjeesee jilbeenfachiisuuf karoorfatanii hojjechaa jiru jechuunis dabaluun ibsaniiru.

