Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraana faashistii PP’n manneen jiraattotaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessaa diigamee gara magaalaatti fe’amuun beekame

ONM-ABO Adoolessa 21, 2024

Bilxiginnaan aantummaa fi aangoo isaatiif haala amansiisaa uummachuuf jecha akka waan sabaaf qabsaa’uutti osoo guyyuu miidiyaan bahee hololuu waraanni sirnichi Oromiyaatti bobbaase maatii qabsaa’otaa fi namoota hariiroo WBO qabu jedhee shakkii irraa qabu jalaa jireenya isaanii mancaasuu jabeesseera. 

Bifuma kanaanis Adooleessa 19, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa bulchiinsa magaalaa Adaadii jedhamu keessatti waraanni goolessaan PP mana Obbo Kumaa Ita’aa irraa qorqorroo baallee 120 diiggachuun gara mooraa waraanaatti akka fe’atan beekameera.

Taateen Oromoo irratti bara kana murna bilxiginnaan adeemaa jiru seenaa bara bulchiinsa Minilikiin olitti kan tilmaamamu yoo ta’u, uummanni Oromoo imphaayera Itoophiyaa keessatti waraana faashistii koloneel Abiy Ahimed itti bobbaasuun dhaabbiitti jireenyi isaa barbadaa’ee akka jiru jiraattonni yakki kun irratti taasifamaa jiru ONM’f yaada isaanii ibsaniiru.

Exit mobile version