ONM-ABO Adoolessa 11, 2025
Goolessitoonni murna Bilxiginnaa hammeenyummaa isaanii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraniin egeree nageenya lammiilee gara sadarkaa yaaddessaatti geessuun ajjechaa lubbuu uummata nagaa, samichaa qabeenyaa daangaa hin qabnee fi gubaatii manneen jireenyaa hawaasaa irratti raawwachaa jiran cimsanii itti fufanii jiru.
Bu’uuruma kanaan Adoolessa 7, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Uraagoo Xaddee keessatti waraanni koloneel Abiy Ahimed uummata Oromootti bobbaase, jiraattota hedduu jalaa manneen jireenyaa gubanii barbadeessuu fi qabeenya uummataa saamuun gabaafameera.
Gandichatti namni manaa fi qabeenyi jalaa mancaafame nama maqaan isaa Obbo Urgeessaa Alii jedhamu jaarsa raagaa fi maanguddoo gaaddisa biyyaa yoo ta’u, maanguddoo kana jalaa midhaan gosa garaa garaa fi xaa’oo calla-guddistuu waliin ibidda itti shiduun barbadeessananiiru. Namoota kana malees kanneen biroo hedduun ammaaf maqaan isaanii nu hin qaqqabin keessatti akka argaman jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti Obbo Urgeessaan deggaraa qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin taanee fi gochoonni waraanni sirnichaa irratti raawwatan kan isaan hin ibsine oggaa ta’u, hidhattoonni murna Bilxiginnaa kunneen ammoo ergama diinummaa qaama olii irraa fudhatanii bobba’an galmaan gahuuf jecha maanguddoo umuriin isaa fi dhimmi siyaasaa wal hin fakkaanne, maqaa deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhu itti maxxansuun qe’ee fi qabeenya isaa akka mancaasaantu himama.
Impaayerattii keessatti tiksitoonni murna Bilxiginnaan hidhachiifamanii barcuma nam-tokkee qofa eeguuf halkanii fi guyyaa ajandaa jalinaa qabatanii socho’an, uummata nagaa siyaasni kamiyyuu irraa hin calaqqisne maqaa hariiroo qaama siyaasaa qabda jedhuun yakkanii, hidhaa fi ajjechaa gara jabinaa irratti raawwachuu dabalatee qeee fi qabeenya isaa gubanii mancaasuun gochoota sarbamiinsa mirga namoomaa irraan gahaa jiru.

