ONM-ABO Waxabajjii 8, 2024
Dhiibbaa sirni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti taasisuun sabni Oromoo bakka teessumaa dhabuun dhaabbiitti dararaa arguu fi doorsisa sirnichaan yaaddoo jabaa keessa akka jiran jiraattotni ONM dubbise himan.
Dheengadda Waxabajji 6, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaatti lola jabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo humnoota faashistii PP irratti taasiseen madoo fi reeffa waraana sirnichaa wal irra tuuluu gabaasni tarkaanfii WBO gamasii kan mul’isu yoo ta’u, waraanni sirnichaa lola WBO dheessuun hawaasa harka duwwaa dararuun loon isaaniis akka qalatan itti dabaluun himan.
Namoonni loon isaanii jalaa waraana sirnichaan saamamuun qalaman haala neetwoorkii bakkichaaf maqaa isaanii kan hin arganne yoo ta’u iyyuu lakkoofsaan hedduu akka ta’an beekameera.
Qabeenya hawaasaa saamuu, ibiddaan gubuun barbadessuu fi maqaa gargaarsa waraanaan osoo hawaasa saamaa jiranii, gama tokkoon sirnichi nagaa uummataaf jedhee miidiyaan hololaa kan jiru, nagaa dhiisee waraanaan namoota fixuuf guyyuu qe’ee Oromoo balleessaa akka jirus itti dabaluun jiraattonni rakkoo keessa jiran ONM’tti himaniiru.

