Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Qarsaa Maallimaatti saamichaa fi dararaan hawaasa irratti taasifamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Gooroo Gabreelii jedhamuun beekamutti Ebla 2, 2025 waraanni maafiyaan PP maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoon bobbaafamuun saamicha qabeenyaa jiraattota irratti raawwachuun ibsameera.

Qabeenyi saamame kunis kan Obbo Lammaa Haayiluu fi namoota maqaan nu hin qaqqabin danuu ta’uun kan himamu oggaa ta’u, Obbo Lammaa jalaa  loon 4 fi hoolota 10 akka ooffatan  addeeffameera.

Jiraattonni qe’ee fi qabeenyaa isaanii irra osoo nagaan jiraatanii yakkaman kunneen badii raawwatan kan hin qabne ta’uunis kan beekamu yoo ta’u, waraanni abbaa irrummaa agarsiisuu fi hamminaaf guutuu Oromiyaatti bobba’aa jiran tibbana bifa haarawaan saamichaa fi dararaa adda addaa qe’ee jiraattotaatti hammeessanii jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version