Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa  Bachoo keessatti murni bilxiginnaa namoota lama WBO fakkeessuun loltoota isaan ajjeesisuun beekame

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Bilxiginnaan duula guyyoota afurtamaa keessatti WBO ni dhabamsiisna jechuun dhaadachaa turuun isaa kan beekamu yoo ta’u, guyyoota afurtama sana keessatti WBO’n baduu mitii ittuu daran dagaagee loltoota isaanii irratti tarkaanfii jajjabduu fudhachuun of duuba deebisaa ture 

Akkuma yeroo garaa garaatti lolaan Waraana Bilisumma Oromoo gaafa dadhaban hololatti deebi’an, Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda  Leencaa Qashammee jedhamu keessatti Waxabajjii 25, 2024 bulchaan aanaa fi itti gaafatamaan waajjira poolisii aanichaa waliin ta’uun loltoota isaanii gara ganda sanaatti bobbaasuun halkan irra toora sa’a 2:00’tti namoota nagaa maqaan isaanii Geetuu  Taaddasaa fi Guddataa Habtee  jedhaman nuti WBOdha koottaa ba’aa jechuun maatii isaanii biraa fuudhanii deemanii mana irraa erga siqsaniin booda  rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraataan gandichaa tokko ONM’tti himeera.

Akka jiraataan kun jedhetti namoonni ajjeefaman kunneen namoota sabboonummaa qabanii fi hawaasa isaanii keessatti jaalatamummaa qaban akkasumas hojii isaanii qofa irratti kan xiyyeeffataniidha jechuun waa’ee isaanii ibsa.

Namootni ajjeefaman kunneen umuriin isaanii tokko afurtama yoo ta’u tokko ammoo 36’tti kan tilmaamamuudha kan jedhu jiraataan kun jalqabuma karaa bulchaa aanaa WBO deggaru jedhamuun irratti hololamaa turuus ibsa.

Exit mobile version