ONM-ABO Hagayya 17, 2024
Gara jabina hamaa daangaa hin qabne, akkasumas tuffii uummata Oromoo irraa qaban ifaan ifatti mul’isuun kaabinoonni fi loltoonni teessoo barcuma Abiy Ahimed eeguuf uummatatti bobbaafaman guyyuu gochoonni isaan dalagan kan uummaticha abdii kutachiisuu fi egeree isaaniif yaaddoo ta’eedha.
Hawaasa nagaa siyaasa keessaa hin qabnee fi hojii qonnaan jiraatan kaabinoonni uummaticha keessaa garaa isaaniif muudaman namoota sabboonummaa qaban sobanii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabduun mancaatii qabeenyaa hanga lubbuu balleessuutti irratti raawwachaa jiru.
Gochi fokkisaan mancaatii qabeenyaa fi lubbuu namaa galaafachuu aadeffate kun godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Simbirroo Cirrachaa fi ganda Sooddoo Liiban keessatti Hagayya 12-13’tti manni fi qabeenyi mana keessaa guutummaatti namoota maqaan isaanii Alamuu Miidhagsaa fi Qalbeessaa Gaggabaabsaa jedhaman jalaa loltoota PP’n guutuun isaa gubatee manca’eera.
Akka jiraataa ganda sanaa ONM dubbise tokko jedhetti namoonni kunneen akkuma hawaasa kamiittuu namoota qotatee jiraatuudha jechuun, addatti hawaasa ganda sanaa keessaa waanti isaan qofaatti WBO deggaran hin jiru jechuun dubbate.
Gochi badii kun ta’e jedhamee itti yaadamee sabboonummaa isaanii fi jaal’atamummaa hawaasa biratti qabaniif jiruu fi jireenya isaanii balleessuuf, akkasumas namoota biroo ittiin sodaachisuuf akka ta’e himeera.
Itti dabaluunis namoonni kunneen balleessaa erga qabaatanii seeraan gaafatamuu osoo qabanii akkuma deemaa dhufaniin ibidda itti qabsiisan jechuun, kun ammoo heerri fi seerri impaayerattii keessaa illee hin heyyamu ture jechuun Naazummaa Abiy Ahimed ONM’f himeera.

