ONM-ABO Fulbaana 23, 2024
Finxaaleeyyiiin Amaaraa Faannoon murnoota bilxiginnaa waliin ta’anii hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii guyyaa guyyaan geggeessuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan turanii fi jiran yoo ta’u, godinaalee Oromiyaa keessaa addatti Horroo Guduruu Wallaggaa, Baha Wallagga, Lixa Shaggar, Kibba Lixa Shaggar, Arsii, Buunnoo Beddellee fi Walloo keessatti gochaa suukkaneessaa ta’e uummata Oromoo irratti raawwachuu daran jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan, finxaaleeyyiin Amaaraa aanaa Noonnoo mandheeffatanii hawaasa nagaa garmalee dararaa kan jiran yoo ta’u, ganda Dikoo Shuummoo jedhamutti Fulbaana 20, 2024 qonnaan bultoota ooyiruu isaanii irra jiraatan dhukaasa irratti banuun ganda tokko guutummaatti buqqisuu isaanii jiraattonni gandichaa himan.
Aanichatti irra deddeebiin finxaaleeyyiin kun gochoota suukkaneessoo hedduu fi qabeenya hawaasaa irratti saamicha akkasumas mancaatii hamaa ta’e raawwachuun jiraattoonni gandichaa yeroo ammaa yaaddoo hamaa keessa kan jiranii fi qaamni isaaniif birmatus ta’e lubbuu isaanii oolchu bakkichatti kan hin argamne ta’uun barameera.
Sababa lubbuu isaaniif yaadda’aniif jecha gara gandoota ollaa fi magaalaa aanichaatti godaananii jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

