ONM-ABO Fulbaana 12, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti gochoota suukkaneessoo adda addaa raawwachuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisaniin hawaasa nagaan qe’ee isaa irra jiraataa ture balaa hamaa irra buusaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa irraa hawaasni Oromoo yeroo adda addaatti finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon buqqa’anii magaalaa aanichaa qubatan rakkoo hamaaf saaxilamuun ibsameera.
Gandoota aanichaa akka: Doobbii, Qotaa fi k.k.f irraa kanneen buqqa’anii magaalaa aanichaa qubatan yeroo adda addaatti “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhamuun mana hidhaa magaalaa Gindootti hidhamanii kan jiran ta’uu isiniif gabaasaa kan turre yoo ta’u, kanneen magaalicha keessa qubatanii jiran rakkoo hamaaf saaxilamuu jiraattonni magaalaa Gindoo himan.
Akka jiraattonni magaalichaa jedhanitti, uummanni Oromoo aanicha keessa jiraatan shira hamaa ergamtoota bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraan qe’ee fi qabeenya irraa buqqa’uun saamamanii manni irratti gubate yeroo ammaa kana deggersa namoomaa tokko malee beelaaf saaxilamuun rooba gannaa keessatti garmalee dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

