ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024
Tumsaa fi deggersa murnoota bilxiginnaa gargaaramuun daangaa qaxxaamuruun yeroo adda addaatti uummata Oromoo irratti ajjeechaa, saamichaa fi mancaatii qabeenyaa raawwachaa kan jiran finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman, yeroo ammaa kana golee Oromiyaa bakkeewwan adda addaa keessatti yakkoota suukkanneessoo ta’an garaa garaa uummata Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiraachuun ni beekama.
Onkoloolessa 9, 2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Ciroo Laalaa iddoo addaa Arroollee jedhamuun beekamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Kumsaa Sarbeessaa,
- Kabbadaa Nagaraa,
- Cimdii Nagaraa,
- Waaqumaa Kabbadaa,
- Waaqumaa Beellamoo,
- Abarraa Tarrafaa,
- Inseesuu Shallamaa,
- Nugusee Tashoomaa,
- Taaddasaa Nagaasaa fi
- Aadde Dasii Daggafaa kanneen jedhaman jalaa mana jireenyaa isaanii qabeenya guutuu waliin barbadeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu ajjeechaan ammoo, ganduma kana irraa guyyuma kana nama maqaan isaa Obbo Hirphasaa Taaddasaa jedhamu finxaaleeyyiin kun rasaasa itti roobsuun ajjeesuun, dabalataan mana jireenyaa isaas qabeenya guutuu waliin barbadeessanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Gandoonni kunneen humnoota kanaan guutummaan guutuutti barbadaa’aniiru, garuu ammaaf kan adda ba’e namoota armaan olitti maqaan isaanii eerame qofa ta’uun ibsameera.

