ONM-ABO Hagayya 11, 2024
Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa murna PP’n Oromiyaa keessa qubsiifamanii maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun meeshaa waraanaa hidhachiifaman yeroo irraa gara yerootti duguuggaa sanyii raawwachaa jiru.
Hagayya 7, 2024 Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Jabbilaal keessatti hidhattoonni finxaaleeyyii Amaaraa kunneen namoota nagaa riphanii eeggachuun, namoota maqaan isaanii Jamaal Assaffaa fi Caalumaa Hirphasaa jedhaman qe’ee isaanii keessatti ajjeesuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Namoonni ajjeefaman kunneen namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraaatan yoo ta’an, humni finxaaleessaa Amaaraa kunis jibbiinsa jabaa abboota isaanii irraa dhaalaniin Oromoo ta’uu isaanii qofaaf yakkuun akka ajjeesanis jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.
Kanaan duras aanichuma keessatti humnoonni kunneen namoota nagaa 20 ol irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

