ONM-ABO Adoolessa 22, 2024
Duula jabaa humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa fi abbaa isaanii kan isaan hidhachiise PP’n qe’ee uummata Oromootti raawwachaa jiruun gaddi qe’ee hawaasaatti uwwifamuun nageenyi isaanii boora’ee jireenyi hawaasaa yaaddoo keessa galee jira.
Ajjeesuu qofa osoo hin taane akka maatiin reeffa illee kaafatee hin awwallanneef gubanii barbadeessaa kan jiran humnoonni waloo finxaaleeyyii Amaaraa fi PP qe’ee isaa keessatti har’a sabni guddaan salphina uffatee Oromiyaan dirree dhiigaa fi buqqaatii taatee jirti.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Adoolessa 20, 2024 galgala toora sa’a 11:00 irratti marsaa lamaaf aanaa Ammayyaa ganda Dambilaal keessatti ajjeechaa suukkanneessaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraan namoota nagaa shan irratti raawwachuu jiraattonni himan.
Dassuu Fitsa’aa fi Shaambal Irraanuu dabaltee namoonni sadii ammaaf kan maqaan nu hin geenye haala suukkanneesaa ta’een humna finxaaleeyyii kanaan ajjeefamuun beekamee jira.
Yeroo uummanni nagaan haala kanaan ajjeefamanittis hidhattoonni murna bilxiginnaa Raayyaa Ittisa Imphaayerattii jedhaman uummata kana callisanii akka ilaalaa turanis itti dabaluun ONM’f himanii jiru.

