Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

DuulaDhiigaDhiigaanDeebisuu – WBOn godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa keessatti dishqaa hiikkate

ONM-ABO Ebla 14, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa irratti murna nama nyaataan raawwatame balaaleffachuun aantummaa isaa agarsiisuuf fudhachuu eegaleen injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Akka kanaanis qe’ee Yilmaa Mardaasaa itti gaafatamaa humna qilleensaa bilxiginnaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa mooraa ganda Goosuu keessa jiru irratti tarkaanfii guggubduu waraana maafi’aa uummata Oromoo dararaa turte irratti fudhateen diina du’aa fi madaoon adabuun meeshaalee adda addaa fi dishqaa tokko irraa hiikkatee jira.

Tarkaanfiin itti fufee waan jiruuf gabaasa guutuun walitti deebina!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version