WBOn zoonii Giddu Galeessaa aanaa Dirree Incinnii keessatti waraana bilxiginnaa haleeluun dishqaa 2 fi bireena 10 irraa hiike.
ONM-ABO Sadaasa 27, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana weerartuu faashisticha Abiy Ahimed WBO balleessuuf duula qindaa’aa godina Lixa Shaggar magaalaa Amboo buufachuun aanota irratti rabsuun sakkattaa eegalan adabbii cimaa itti kennee gootummaa isaa itti agarsiisaa jira.
Harcaatota waraana bilxiginnaa har’a Sadaasa 27, 2022 waaree dura WBO sakatta’uuf humna guddaan godina Lixa Shaggar ona Dirree Incinnii irraa gara lafa daangaa aanaa Ammayyaa kan kibba lixa Shaggarii fi Dirree Incinnii gidduu jirtu bakka Gubbaa Mikaa’elaa jedhamuuun beekamtutti wal guuranii dhufan leencotni sabaa addaan facaasuun bakka garaagaraatti qooddattanii lolaniin injifannoo boonsaa galmeessanii jiru.
Kutataa fi diigaan garbummaa WBOn waraana faashistii Abiy Ahimed kana rasaasaan akaa’ee baarudaan macheesssuun 138 irraa ajjeesee 195 madeessuun loltoota bilxiginnaa 23 harkaa qabee jira.
Tarkaanfii dugda kutaa WBOn Dirree Incinnii keessatti fudhate kanaan meeshaaleen waraana dishqaa 2, bireena 10, rasaasa AKM fi bireenaa hedduu, qawwee AKM 60 ol , boombii harkaa 45 fi qophii waraana dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Lolli kun hanga gabaasni kun qindaa’etti itti fufee jira. Meeshaaleen waraanaa fi booji’aamaan lakkoofsi isaa akka dabaluu danda’u lolchiistota lolichaa irraa adda baafanneerra.
Lola jabaa fi akkuma Jaal Marroo Dirribaa Lammeessaa jedhan duulli waraana bilxiginnaa daran WBO meeshaalee ammayya’oo hidhachiisuuf nu fayyada waan ta’eef carraa gaarii dha jedhan lola WBOn geggeesssa jiruun meeshaaleen waraanaa hiikamaa jiran agarsiistuu isaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama.
Tarkaanfii WBOn waraana bilxiginnaa irratti fudhatu hanga bilisummaa fi Walabummaatti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof !

