Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Lixa Shaggar ona Dirree Incinnii Magaalaa Incinnii Irratti Tarkaanfii Fudhachuu Beeksise!
ONM-ABO Hagayya 29,2022 Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa mooraa waraana bilxiginnaa irratti fudhachuu itti fufuun godina Lixa Shaggar ona Dirree Incinnii magaalaa Incinnii keessatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan har’a Hagayya 29,2022 ganama bariin gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ona Dirree Incinnii magaalaa Incinniitti waraana bilxiginnaatti ol itti seenuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii kanaan du’aa fi madoon hedduu ta’us sababa lolli hin dhaabbanneef guutuu gabaasa kanaa akka lolli xumurameen qabannee isiniif dhiyaanna.
Injifannoon Uummata Oromoof!

