Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Zoonii Giddu Galeessaa Kaleessa Diina Du’aa fi Madoon adabuu beeksise

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Zoonii Giddu Galeessaa Kaleessa Diina Du’aa fi Madoon adabuu beeksise.

ONM-ABO Hagayya 28, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii giddu galeessaa tarkaanfii iddoo garaagaraatti Hagayya 27, 2022 humna diinaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa argatee jira.

Tarkaanfii kanaan humna diinaa godina lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa mooraa magaalaa Karkarreessaa irraa gara Incinnii konkolaataan fiigaa turte paatiroolii lama guutuummaatti daareessun 15 ajjeesee 10 madeessun qawwee PKM 1 fi AKM 10, gumbii 30, rasaasa 2000 waliin irraa hiikee dantaa qabsoof galii godhee jira.
WBOn tarkaanfii isaa itti fufuun godina Addaa naannoowaa Finfinnee ona Sulultaa magaalaa Darbaa seenuun milishoota mooraa diinaa eegaa turte gugsee namoota 10 qawwee ishee waliin dhuunfatee jira.
Godina kaaba Shaggar aanaa Darraattis miliishootaa fi humna addaa wal makanii mana uummataa gubuuf yaa’an haxxee itti hidhee hedduun madoo fi du’aan adabuun kan hafan baqatanii gara dhufanitti akka dachaa’an taasiseera.
Itti dabaluun korommiin ilmaan Oromoo giddu galeessaa Oromiyaa aanaa Ejersaa Lafoo humna diinaa ganda Gooroo Daannisaa keessa maandheffatanii taa’an cabsuun 5 keessaa biyyootti dabalee jira.

Exit mobile version