Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo konyaa kibba Lixa Shaggar godina Lixa ona Dirree Incinniitti tarkaanfii fudhaate.
ONM-ABO Hagayya 29,2022 Lola irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn konyaa Kibba Lixa Shaggar magaalaa aanaa Dirree Incinnii ganama barii sa’a 11:00n itti seenuun tarkaanfii eegaleen injifannoon boonsaan galmaa’eera.
Tarkaanfii har’a Hagayya 29,2022 barii eegalee hanga waaree duraatti itti fufeen lolli wal irraa hin cinne magaalaa keessaa waajjira poolisii, bulchiisa magaalaa fi buufata fayyaa irratti ture.
Bakkeewwan kana sadeenitti gama diinaa irrraa nama 20 battalumatti yommuu ajjeefamu madoon lakkoofsaan baay’een galgala kana Gudar qaxxaamuruun konkolaataa 8tiin hospitaala Ambo galanii jiru.
Meeshaa fi qabeenyi baay’een dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii ta’eera.
Itti fufuun aanuma Dirree Incinnii keessatti garaagarummaa daqiiqaa 10 hin caalle mooraa Bolaa irraa reebduu Dirree Incinnii gargaaruuf dhufan irratti lola ta’een qondaala waraana PP kan yeroof maqaan isaa hin baramin dabalatee loltootni 20 yommuu irraa ajjeesu hangi irraa gadi hafe osoo hin hafin buqqisee guutummatti mooraa gadi dhiisisee jira.
Yeruma wal fakkaataatti aanuma kana qubsuma Dalla-Daak irratti haleellaa WBOn raawwateen mooricha waraanni murna bilxiginnaa gadhiisanii jiru.
Lolli bilisummaa goleelee Oromiyaa mara keessatti finiinee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

