ONM-ABO Hagayya 28, 2023
Impaayerri Itoophiyaa leellistoota Minilikiin ijaarame raafama siyaasaa fi rakkoo nageenyaa ishee mudateen gara diigamuu irra waan geesseef wantoota badiinsa irraa barara jedhu, hidhaa, ajjeechaa fi qe’ee irraa godaansisuu itti fufee jira.
Godina Kibba Lixa shaggar Aanaa sooddoo Daaccii ganda Maaramii Siree keessatti gaafa Hagayya 23, 2023 waraanni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Fiixaa Biqilaa jedhamu WBO waliin hidhata qabda jechuun sababa itti funaananii qabanii hidhuun erga dararaa hamaa irratti raawwataniin booda roobii darbe Hagayya 24, 2023 mana hidhaatii gadi baasuun haala suukaneessaa ta’een ajjeessanii kan gatan yoo ta’u, maatiin akka reeffa hin kaafanne dhorkachuun barameera.
Oduu biraatiin ammoo ona Bachoo magaalaa Tulluu Boolloo keessaa dargaggoo Caalaa Hurrumaa Baay’isaa jedhamu qabuun yakka tokko malee waajjira poolisii aanaa Bachooti hidhuun dararaa jiru.
Aanoota godina kibba lixa Shaggar hedduu keessatti kaabinoonni PP waraana uummata nagaatti bobbaasuun uummata shororkeessuu, hidhuu, saamicha qabeenyaa hanga ajjeechaa suukaneessaatti ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

