ONM-ABO Hagayya 15, 2023
Oromiyaa keessatti maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggertuutiin waggootan shanan kana keessatti ilmaan Oromoo ajjeeffaman, hidhamanii fi dachee abbaa isaanii irraa bakka biraatti godaanan lakkoofsaan hedduudha.
Dhiibbaan goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo irratti sirna fashistii Itoophiyaan geggeeffamu itti fufuun godina kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Moollichaa keessatti kaleessa Hagayya 14, 2023 dargaggoo maqaan isaa Shaambal Nagaash jedhamu rasaasaan rukutuun ajjeessan.
Dargaggoon Shaambal nama nagaa fi hawaasa naannoo isaa biratti jaal’atamaa ta’uu maddeen himuun, namni kun Oromoo ta’uu qofaan yakkamee rasaasa waraana bilxiginnaan badii tokko malee ajjeeffamuu dabaluun ibsaniiru.

