• Wed. Mar 18th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii keessatti waraanni shororkeessaan bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeessan

Aug 15, 2023

ONM-ABO Hagayya 15, 2023

Oromiyaa keessatti maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggertuutiin waggootan shanan kana keessatti ilmaan Oromoo ajjeeffaman, hidhamanii fi dachee abbaa isaanii irraa bakka biraatti godaanan lakkoofsaan hedduudha.

Dhiibbaan goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo irratti sirna fashistii Itoophiyaan geggeeffamu itti fufuun godina kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Moollichaa keessatti kaleessa Hagayya 14, 2023 dargaggoo maqaan isaa Shaambal Nagaash jedhamu rasaasaan rukutuun ajjeessan.

Dargaggoon Shaambal nama nagaa fi hawaasa naannoo isaa biratti jaal’atamaa ta’uu maddeen himuun, namni kun Oromoo ta’uu qofaan yakkamee rasaasa waraana bilxiginnaan badii tokko malee ajjeeffamuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading