• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaatti waraanni murna bilxiginnaa dhukaasa uummata irratti banuun namoota 10 rasaasaan rukkutan

Aug 15, 2023

ONM-ABO Hagayya 15, 2023

Godina Jimmaa aanota garaagaraa keessatti murni PP gochaalee uummata keenya salphisu raawwachaa kan jiru yoo ta’u, aanaa Saxxammaa keessatti dhukaasa uummata irratti bananiin namoonni 10 rukkutamuun dargaggeessi tokko lubbuun yoo darbu, hanga gabaasni kun qophaa’etti kanneen hafanis haala yaaddessaa keessa jiraachuun beekamee jira.

Hagayya 8, 2023 tti aanaa Saxxammaa ganda Kimmisoo jedhamu keessatti waraanni aanaa sana irra buufatee jiru bakka Kolbaa jedhamee beekamutti dhukaasa uummata irratti banuun miidhaa qaamaa guddaa geessisaniiru.

Akka maddeen keenya gabaasanitti bakki Kolbaa jedhamu kun lafa waloo uummatichi loon irra tikfatu yoo ta’u, fedhii hawaasichaa malee kaabinoonni aanichaa lafa kana namoota dhuunfaatti gurgurachuu irraa akka ka’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Bulchaan aanaa Saxxammaa Uummata gaaffii mirgaa gaafachuuf gara isaa deeman walitti qabuun waraana itti waamee, meeshaan waraanni kun baatu ibidda tufa malee bishaan hin tufu jechuun uummata doorsisaa kan ture yoo ta’u, Hagayya 8, 2023 dirqamaan laficha abbootii qabeenyaaf dabarsuuf yeroo jedhanitti uummanni mormii isaa dhageessifannaan bulchaan aanaa waraana itti ajajee rasaasaan akka tuman taasise jechuun maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply