ONM-ABO Hagayya 21, 2023
Babbal’achuu fi humnoomuu waraana bilisummaa Oromoo irraa kan ka’e, murni bilxiginnaa WBO balleessuu dadhabuun shira ittiin maqaa balleessaan hojjechaa ture, har’as jabeessee jira.
Haaluma kanaan godina kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Galaa Moollichaa bakka Koraa jedhamutti uummaata sabaan Amaaraa ta’an kan waggaa dheeraaf uummata Oromoo naanniichaa waliin jiraachaa turan, kan gaafa gaddaa fi gammachuu rakkoo hawaasummmaa hundumaa waliin hirmaatanii fi waliin nyaatanii dhugan, Hagayya 18, 2023 waraanni shororkeessaan PP ganda Galaa Moollichaatti bobba’uun halkan mana namoota sabaan Amaara ta’anii irra deemuun qalanii gariin ammoo rasaasaan rukutuun namoota baay’inni isaanii 14 ta’an ajjeessan.
Ajjeechaa sukkanneessaa PP’n uummata Amaaraa irratti raawwatan kana waan akka waraanni bilisummmaa Oromoo raawwateetti shira xaxuun viidiyoo fi dookumentarii sobaa irratti qindeeffachaa akka jiran baramee jira.
Waraanni faashistii kun armaan duras ajjeechaa sukkanneessaa Kaaba Shaggar aanaa Darraa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Lixa Wallaggaa Gullisoo, Baabboo Gambeelii fi Gimbii keessatti tarkaanfii Amaarota irratti fudhateen maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf yaalii taasisus qaama sadaffaan walaba ta’e kan sadarkaa idil addunyaa haa qoratuuf ABO-WBO’n waamicha taasiseef deebii kan hin laatne ta’uun ni beekama.

