ONM-ABO Caamsaa 30, 2023
Gareen impaayera Itoophiyaa diigamuuf qarree kufaatii irra jirtu diinagdeen deebisee suphuuf, tooftaa maallaqa uummata irraa ittiin saaman tolfachuun waraannii fi kaabinoonni sirnichaa Oromiyaa keessatti bifa haaraan bobba’aanii jiru.
Caamsaa 29, 2023 godina Kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo irraa kaabinoonni aanichaa waraanaan deggeramuun gara gandoota aanichaatti bobba’uun, uummata qaala’iinsi jireenyaa itti ulfaachuun gidiraa argaa jiru, maqaa gibiraatiin maallaqa irraa saamaa akka turan jiraattotni himan.
Gandoota aanaa Bachoo kanneen akka karra Saddeeq, Kusaayee Leencaa, Dhagaa Guddaa fi kanneen biroo keessa deemuun uummata saamaa akka jiran jiraattotni himuun, namoota waan kaffallu hin qabnu jedhan doorsisuu fi hidhaa jiraachuu jiraattotni Saamichi Kun irratti geggeeffame dubbatan.
Oduu biraatiin aanaa Bachoo kana keessatti waraanni bilxiginnaa caamsaa 28, 2023 namoota nagaa hedduu magaalaa Tulluu Boollootti hidhanii dararaa akka jiran jiraattotni ona Bachoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

