Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Dandii fi Aanaa Jalduu keessatti waraanni PP namoota ajjeesuu, qabeenyaa barbadeessuu, saamuu fi hidhuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2023

Ajjeechaa raawwachuun cinatti qabeenyaa uummatichaa ibiddaan barbadeessuu fi saamanii dhimma dhuunfaaf oolfachaa kan jiran waraanni Sirna PP, Lixa Shaggar aanaalee gara garaa keessatti gocha gara jabeenyaa raawwachuu itti fufanii jiru. 

Onkoloolessa 2, 2023 Lixa Shaggar Aanaa Dandii ganda Gaalessaa keessatti waraanni PP sakattaa WBOf bobbaafaman, dargaggoota lama ajjeesuun uummata keessa naanna’aanii qabeenya uummataa saamaa, kaan ammoo ibiddaan barbadeessaa kan turan yoo ta’u, nama Obboo Nigisaa Saffisaa jedhamu jalaa mana gubuun midhaan ardaba 40 qabeenyaa guutuu waliin barbadeessuun, qotiyyoo cimdii lamaa fi dhaltii 5 jalaa ooffatanii deemuun, Obbo Kabbee Zaartoo jalaa ammoo mana 2 gubuun loon lamas jalaa ooffachuu maddeen himan.

Ittuma fufuun Obbo Tolasaa Guddisaa jalaa mana gubuun loon 4 jalaa ooffatanii deemuu fi Obbo Warqinaa Tolasaa jalaas mana tokko mi’a waliin jalaa gubuun loon 3 jalaa ooffatanii deemuunis himame.

Loltootni sirnichaa kun ittuma fufuunis Obboo Gaaddisaa Magarsaa jalaa mana 2 mi’a mana keessa waliin yoo guban, Obboo Fayyoo Abarraa jalaas mi’a mana keessaa caccabsuun saamichas kan raawwatan yoo ta’u, namoota 20 qabanii mana hidhaa galchuus maddeen keenya gabaasaniiru.

Aanaa Jalduu ganda Haroo Dhagaa dhaabaa fi Tulluu Gurraa keessatti Fulbaana 27, 2023 namoota hedduu kan ajjeesan waraanni impaayerattii, Maanguddoo Abarraa Guutaa jedhamu abbaa ijoolle 12 tokkos ajjeesuun ilma isaas sadafii qawweetiin rukutuun ilkaan irraa cabsuu fi nama Baatiruu Diroo jedhamu abbaa ilmaan afuriis ganda Tulluu Gurraa keessatti ajjeesuun namoota 50 Olis kan hidhan ta’uu maddeen ONMtti himan. 

Exit mobile version