ONM-ABO Hagayya 26, 2023
Hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo addaan baasuu dadhabuun jumlaan uummata fixuu fi qabeenyaa jalaa barbadeessuu filannoo kan godhate murni PP lixa Shaggar keessatti daa’ima tokko ajjeessuun manneen qonnaan bultootaas ibiddaan barbadeessan.
Hagayya 23, 2023 Lixa shaggar Aanaa cobii gandaaMaksaa Lakkuu jedhamu keessatti mucaa umriidhaan xiqqaa ta’e kan maqaan isaa Xinnee Tulluu jedhamu rasaasaan rukkutanii ajjeessuun maatii isaa jalaa ammoo mana jireenyaa dabalatee qabeenyaa mana sana keessa jiru guutummaatti ibiddaan barbadeessaniiru.
Darajee Dabalaa, Baayisaa Badhaanee fi Tuujjoo Baayisaa kanneen jedhaman jalaas bifuma wal fakkaatuun ganduma kana keessatti manaa fi qabeenyaa jalaa kan guban yoo ta’u, torbee darbe keessa mana jireenyaa isaan magaalaatii qabanis jalaa diiganii akka turan gabaasuun keenya ni yaadatama.
Oduu biraatiin ammoo godina kibba lixa Shaggar magaalaa Wallisoo keessatti leenjii milishummaa, namoota aanaalee irraa qabamanii dhufaniif kennuuf qophiitti jiraachuun barameera.
Leeenjiin isaanii kunis Kamisa dhufu Hagayyaa 25, 2023 akka eegalu maddeen magaalaa Wallisoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

