Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Cobii keessatti Waraanni faashistii PP manneen uummataa 7 ibiddaan gubuun nama tokko ammoo hidhan

ONM-ABO Sadaasa 8, 2023

Utubdoonni impaayera bututaa miira mo’amuutiin miidhaman lola humna qawwee hidhatee jiru waliin gaggeessuu dadhabuun, hawaasa nagaa dararaa kan oolan yoo ta’u, hawaasicha jireenya itti hadheessuun xiinsammuu isaa erga miidhaniin booda mootummaatti akka kooluu galu gochuuf hojjetaa jiru.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa, jechuunis Sadaasa 7, 2023 Lixa Shaggar, Aanaa Cobii ganda Goraa Lalisaa keessatti manneen uummataa 7 ibidda itti naquun qabeenyaa guutuu waliin barbadeessanii jiru.

Namoonni manni jalaa gubate maqaan isaanii Duushaa Disaasaa, Nagaash Diroo, Barsisaa Moosisaa, Bojee Lataa, Guddisaa Nagarii, Gurmeessaa Kiisoo fi Naggasaa Urgeessaa kan jedhaman yoo ta’u, manaaf qabeenya jalaa barbadeessuun jiruufi jireenya maatii kanaa jiruu karaa irraaf saaxiluu maddeen keenya himan.

Aanaama Cobii ganda Maksaa Lakkuu irraa nama maqaan isaa Dirribsaa Begii jedhamu qabanii deemuun hidhanii akka jiranis maddeen keenya ibsuun Aanaa Cobii keessatti qofa baruma kana mana Uummataa 200 ol gubanii akka jiranis himaniiru.

Exit mobile version