• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Cobii keessatti waraanni Bilxiginnaa daa’ima tokko ajjeessuun manneen qonnaan bultootaas ibiddaan yoo barbadeessan, Wallisoo keessatti ammoo leenjii milishootaaf kennuuf qophiitti jiraachuun ibsame

Aug 27, 2023

ONM-ABO Hagayya 26, 2023

Hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo addaan baasuu dadhabuun jumlaan uummata fixuu fi qabeenyaa jalaa barbadeessuu filannoo kan godhate murni PP lixa Shaggar keessatti daa’ima tokko ajjeessuun manneen qonnaan bultootaas ibiddaan barbadeessan.

Hagayya 23, 2023 Lixa shaggar Aanaa cobii gandaaMaksaa Lakkuu jedhamu keessatti mucaa umriidhaan xiqqaa ta’e kan maqaan isaa Xinnee Tulluu jedhamu rasaasaan rukkutanii ajjeessuun maatii isaa jalaa ammoo mana jireenyaa dabalatee qabeenyaa mana sana keessa jiru guutummaatti ibiddaan barbadeessaniiru.

Darajee Dabalaa, Baayisaa Badhaanee fi Tuujjoo Baayisaa kanneen jedhaman jalaas bifuma wal fakkaatuun ganduma kana keessatti manaa fi qabeenyaa jalaa kan guban yoo ta’u, torbee darbe keessa mana jireenyaa isaan magaalaatii qabanis jalaa diiganii akka turan gabaasuun keenya ni yaadatama.

Oduu biraatiin ammoo godina kibba lixa Shaggar magaalaa Wallisoo keessatti leenjii milishummaa, namoota aanaalee irraa qabamanii dhufaniif kennuuf qophiitti jiraachuun barameera.

Leeenjiin isaanii kunis Kamisa dhufu Hagayyaa 25, 2023 akka eegalu maddeen magaalaa Wallisoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading