ONM-ABO Muddee 14, 2024
Dantaa Sabaa eegsisuu irra kan ergamtoota isaa kabachiisuuf uummata dararaa kan jiru murni badee balleessaan bilxiginnaa yakka tokko malee Oromoo biyya abbaa isaa Oromiyaa irratti hadheeffachuun goolessitoota waraana isaa saba irraa dhalataniif gara laafina tokko hin qabne hawaasa nagaan qe’ee isaa irra jiraatutti bobbaasuun gochoota suukkanneessoo irratti raawwachaa jira.
Guyyaa dhufee darbuun dhiiga namaa dhangalaasuu, lubbuu obbaasuu, hidhaatti naqanii dararuu fi qabeenya namootaa afaan qawween saamee kan isaa godhachuuf carraaqaa kan jiru bulchiinsi abbaa irree impaayerattii namoota nagaa Oromummaa isaanii qofaan yakkee Manneen jireenyaa irratti diiguun maatii hedduu rakkoo jabaaf saaxilaa jira.
Akkuma kanaan torbanoota darban keessa Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Boonii jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii Kabbee Luuccoo fi Guddee Dibaabaa jedhaman jalaa mana isaanii irraa diiguun qorqorroo isaa irraa fudhatanii jala isaa diiguun yoo mancaasan, midhaan nyaataa dabalatee qabeenya manicha keessa jiru cufa ibiddaan gubanii barbadeessuu gariin ammoo saamanii kan deeman oggaa ta’u, Kabbee Luuccoo jalaa qorqorroo baallee 60 fi Guddee Dibaabaa jalaa ammoo baallee 65 manarraa diiggatanii deemuu maddeen keenya Onichaa ONM’f eeran.

