ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024
Uummanni Oromoo irra jireessi baadiyyaa kan jiraatu yoo ta’u, erga impaayerattii keessatti lolli kallattii adda addaan adeemuu jalqabee kaasee namootni hedduun lubbuu isaanii oolfachuuf qabeenyaa qabu gurguree gara magaalaatti baay’inaan galaa akka jiru eenyu jalaa iyyuu kan dhokate miti.
Haa ta’u malee murni uummata Oromoo Oromummaa isaa qofaaf jibbu har’as irraa dhaabbachuu dhiisuun, uummatichi gara magaalaatti godaanuun jiraachuu yeroo eegalutti maqaa kooriderii misoomaa fi miidhagina magaalaa jedhuun manneen irratti diiguu jabeessuun yeroo ammaa bifa haaraan bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawwaatti hawaasa dararaa jiru.
Bilxiginnaan mootummaa uummataa ta’ee sabaaf sablammootaaf gaaddisa ta’uu irra dhaloota abdii biyyaa ta’an godaansisuu, hidhuu fi ajjeesuu, haadholii manneen isaanii irraa ari’anii bakkee irratti ilmaan isaanii waliin qorraan akka dhaanaman taasisaa jiru.
Murni mootummaa jechuun of waamu waa’een lubbuu namaa kan isa hin dhibne mana namootaa maqaa misoomaan diiguun namoota hedduu erga jireenya daandii gubbaaf saaxilanii booda harmeen tokko rakkina sana dadhabuun magaaluma Dirree Dhawaa keessatti lubbuun ishee darbuun barameera.

