Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawwaatti hidhamtoonni siyaasaa hanqina nyaataan miidhamaa jiraachuu dubbatu

ONM-ABO Adoolessa 25, 2025 

Baha Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti hidhamtoonni sababa siyaasaan hidhamanii dararamaa jiran, ji’a Caamsaa darbe irraa jalqabuun rakkoo nyaataa hamaan isaan mudachaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Akka odeessi nu qaqqabe ifoomsutti hidhamtootni kunneen mana haalaan dhiphoo keessatti baatiilee sadii oliif jumlaan hidhamaa jiraachuu kan himan, hanqina nyaataa, dhiqannaa fi kanneen birootiin kanneen lubbuun darbaa jiru keessatti akka argaman dubbatu.

Gareen gabroomfataan PP kunis mooricha keessatti daabboo oomishuun maallaqaan kan gurguran oggaa ta’u, kanneen qarshii of harkaa hin qabnee fi dhoksaan butamuun hidhamanii jiran qarshii ittiin bitatan dhabuun beelaan waadamaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

Murni Bilxiginnaa saamicha gaggeessaa jiraniin of baraaruu hanqachuun kufaatii dinagdee impaayerattii mudatee jiru keessaa ba’uu dadhabuun, sadarkaa hidhamtoota mana hidhaa keessa jiraniif nyaata dhiheessan dhabuu irra ga’anii jiraachuun beekamee jira.

Exit mobile version