Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkal aanaa Bulan bulchiinsa magaalichaatti ilmaaan Oromoo hedduun hidhaan hiraarfamaa jiraachuu dubbatu

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Hidhamtoonni siyaasaa adda addaa kan dhimmi isaanii manneen murtiitti osoo hin dhiyaatin maatii isaanii irraa qabamuun hidhaatti argaman hedduun murtii seeraa tokko malee dararamaa jiraachuu himatu.

Murni Bilxiginnaa hidhamtoota siyaasaa maqaa faallaa bulchiinsa kiyyaa hojjechaa jirtu jedhuun hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi dararaaf saaxiluun yeroo ammaa godina Matakkal aanaa Bulan bulchiinsa magaalichaatti namoonni hedduun hidhamaa kan jiran yoo ta’u, keessattuu bifa addaan Fulbaana 7, 2024 irraa eegalee namoonni hedduun qabamuun hidhamanii akka jiran beekameera.

Namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e: 

  1. Yaadataa Raggaasaa, 
  2. Ayyaalee Abarraa fi 
  3. Eliyaas Waaqjiraa kanneen jedhaman haala hamaatiin rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Qabsoo uummanni Oromoo waggoota hedduuf gochaa ture murna abbaa irree Bilxiginnaan erga hatamee kaasee dhiibbaan Oromiyaa keessatti Oromoo irratti ta’aa jiru yaachisaa ta’uun, sabni Oromoo jireenya gadadoo keessa akka jiraatu taasisuu jiraattonni dubbatu.

Exit mobile version