Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ilmaan Oromoo magaalaa Shaashamannee waggootaaf mana hidhaa Bilxiginnaa keessatti dararamaa jiraachuu ONM’tti himan

ONM-ABO Fulbaana 13, 2024

Impaayera habashootaa itti fufsiisuuf jecha humna waraanaatiin kan tiksaa jiru murni Bilxiginnaa, imaammata sabboonummaa  Oromummaa dhabamsiisuu jedhu baasuun yeroo aangoo qabatee kaasee hawaasa Oromoo irratti xiyyeeffachuun kuma dhibbootaan manneen hidhaa adda addaatti waggootaaf hidhee gaaffii seeraa tokko malee hiraarsaa jira.

Humni ittisaa impaayerattii afaan qawwee saba irraa dhalatanitti galagalchuun sabicha cafaqee bulchuuf jecha namoota hirmaannaa siyaasaa kamirraa walaba ta’an maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu,  seelii WBO’tii fi eeruu laattuuf jedhuun godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti namoonni hedduun qabamuun waggootaaf waajjira Poolisii keessatti darbatamanii akka jiran beekameera.

Mana hidhaa waajjira poolisii kutaa magaalaa  Allachee keessatti namoonni ji’oota afurii hanga waggaa tokkoof walakkaa ol hidhamanii jiran maqaan isaanii danuu yeroo ta’u, kanneen maqaan isaanii nu ga’e muraasni; Abdullaayi Tibbeessoo abbaa ijoollee 4, Guutaa Tashitaa, Galatuu Tashitee, Tamaam Muusaa fi Kamaal Shuunkaa kanneen jedhaman baatii dheeraaf  hidhamanii dararamaa jiru.

Kana malees namoonni yakka tokko malee hidhaatti darbatamanii jiran kunneen maallaqa guddaa qarshii kuma shantamaa hanga dhibbaatti gaafatamaa kan jiran yoo ta’u hanga maallaqa gaafatamtan ofirraa kaffaltanitti as keessaa hin baatan, as keessatti tortortu jechuun doorsisaa akka jiran namootni quba qaban ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version