Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaalee Siree fi Gadab Asaasaatti hidhaa fi gubaatiin manneenii waraana gabroomfataa PP’n jabaate itti fufee

ONM-ABO Bitootessa 6, 2025 

Murni Bilxiginnaa nagaa fi tasgabbii jiraattota dhorkuun Oromiyaa dirree jeequmsaa fi weeraramte taasisuun qe’ee saba ulfoo onsee, manneen qonnaan bultootaa maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun qabeenya keessa jiru guutuu waliin gubee barbadeessuu fi dargaggoota abdii borii ta’an ukkaamsee waggootaaf hidhee hiraarsuu cimsee itti fufee jira.

Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaatti shiftoonni koloneel Abiy Ahimed gara jabummaa fi abbaa irrummaa isaanii hawaasa harka duwwaatti agarsiisuun maatii qabsaa’otaa fi namoota hidhata WBO qabu jechuun ija shakkiin ilaalan ganda Coofira Shaashee jedhamuu torban tokko keessatti manneen 50 ol ibidda itti shiduun gubanii barbadeessuun dhaga’ameera.

Oduu hidhaatiin ammoo godinichuma aanaa Siree ganda Koollobbaa keessaa  Bitootessa 4, 2025 dargaggoota maqaan isaanii Ganaa Xahaa, Kaamiil Mohaammad, Tolaa Daadhii fi kanneen maqaan isaanii yeroof adda hin baane yakka tokko malee WBO’f odeessa laattu maqaa jedhuun qabuun bulchiinsa magaalaa Jajuutti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version