Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee kutaa magaalaa Buraayyuu keessatti manneen jiraattotaa irratti diiguun cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti mirga lubbuun jiraachuu sarbamuun akka waan alaa dhufeetti biyya abbaa isaa irratti ilmaan habashootaan dararamaa kan jiru ummanni Oromoo yakka tokko malee lubbuuf qabeenya isaa goolessitoota murna Bilxiginnaan dhabaa jira.

Magaalaa fi baadiyyaa osoo hin jenne qe’ee uummata Oromoo mara keessatti kan bobbaafaman kaadiroonnii fi waraanni bilxiginnaa gochoota dabaa saba nagaa irratti hammeessuun jiraattotatti yaaddoo hamaa ta’ee jira.

Haaluma kanaan magaalaa Buraayyuu keessatti manneen jiraattotaa irratti diiguun abbootii qabeenyaa jechuun kaabinootuma isaa irratti ijaaree Induustir Safar jechuun Shiimallis Abdiisaa eebbisiisee jiraachuu maddeen eeran.

Haa ta’u malee waa’ee manni diigamee hiyyeessi mana kiraatti galuu osoo raajeffannuu amma immoo Kooriiderii jedhanii ammas cittoo irratti fanxoo akkuma jedhan kallattii hundumaan manni jireenyaa kan kaartaa qabus kan hin qabnes dukkaanota dabalatee diiganii balleessuun namni sochii danqamee dararamaa jiraachuu jiraattoonni magaalichaa ONM dubbise ifoomsaniiru.

Kana malees magaalicha keessatti namoota rifeensa guddifatan walitti qabuun Waraanni Bilisummaa Oromoo walii galtee mallatteessee galaa jira jechuun uummata burjaajessuuf diraamaa isaanii hojjechaa akka jiranis maddeen dabaluun ONM’tti himan.

Exit mobile version