Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Buraayyuu keessatti maqaa “misooma magaalaa” jedhuun manneen hawaasaa diiguun jabaatee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024 

Murni bilxiginnaa afaaniin ”impaayerattiin bulcha” jechaa yeroo gara yerootti sababoota hin malle wabeeffachuun, qe’ee ilmaan Oromoo irratti diiguun magaalota Oromiyaa cufa keessatti jiraattotni mana jireenyaa dhabuun dararaa argaa jiru.

Ergamtootni bilxiginnaa kana dura magaalaa Buraayyuu keessaa manneen hawaasaa yeroo adda addaatti diiguun ilmaan Oromoo dhiiga boossisuu kan amaleeffatan, yeroo ammaa kana immoo bifa adda ta’een Fulbaana 20, 2024 irraa eegaluun manneen hawaasa Oromoo beenyaa tokko malee kaadiroonni PP diiguun hawaasni Oromoo roobaa  fi rakkina jireenyaaf akka saaxilamanii jiran barameera.

Namoota dhibbootaan lakkaa’aman jalaa manneen diiguun raawwatameera.

Diigumsi kun bifa haaraan   hoteelota, dukkaanota, manneen jireenyaa fi manneen qorichaa irratti geggeeffameera. Hoteelota gurguddoo magaalaa Buraayyuu keessatti argaman keessaa; Obbo Xaafaa jalaa Hoteela Mijuu fi Obbo Tolasaa jalaa Hoteela Daagim jedhamu diiguu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kun kanaan osoo jiruu diigamiinsa manneenii Bilxiginnaan Baha Oromiyaa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti erga raawwateen booda hawaasa mana irraa diiganiin deebi’aa suphaa itti galaa jechuun badii dalaganiif beenyaa tokko osoo hin kaffalle akkas jechuun isaanii uummata gidduutti naasuu uumeera.

Namoota diigamuun manneen uummataa misoomsuu hin ta’u jechuun barreessanii fi manneen diigaman suuraa kaasan akkasumas viidiyoo waraaban qabanii hidhaa fi adamsaa jiraachuu odeessi magaalaa Dirree Dhawaa irraa nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version