Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Shaggar Siitii kutaalee magaalattii garaa garaa keessatti manneen uummataa irratti diiguu fi saamichi murna Bilxiginnaan jiraattoota irratti hammaate

ONM-ABO Muddee 21, 2024 

Gaaffii uummataatti deebii gahaa kennee biyya tasgabbiin bulchuu irra tooftaalee ittiin sabicha saamee hiyyoomsu baafachaa kan oolu bulchiinsi badee balleessaan impaayerattii tiksitoota paartii isaa qe’ee Oromoota maraa keessa facaasuun dararaa hammeessaa jira.

Sadoo dhuunfaaf jecha jiruu fi jireenya ilmaan Oromoo goolaa kan oolan goolessitoonni sirnichaa bakkeewwan Oromiyaa addaa addaa keessatti qawwee baatanii deeman uummatatti gala galchuun ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa uummata irratti jabeessuun uummanni akka itti jiraatu dhabee yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Haaluma kanaan torbanoota kana keessa Shaggar Siitii kutaalee magaalattii garaa garaa kanneen akka Buraayyuu, Sabbataa, Laga Xaafoo, Laga Dhaadhii, fi Shaggar keessatti maqaa qulqullina magaalaa jedhuun manneen jiraattotaa irratti diiguun hiraarsaa kan jiran oggaa ta’u, yeroo ammaa kana immoo magaalaa Shaggar keessatti mana namootaa irra deemuun warreen manneen isaanii hin diigamin gatii kaartaa manaa  jechuun qarshii 6,000 tokkoon tokkoon namaa irraa funaanaa jiru.

Kana malees gatii mana barumsaa, inshuraansii fayyaa fi gatii ispoortii jechuun dirqiin uummata irraa maallaqa gosa garaa garaa guuruun qaali’insa jireenyaa hawaasa irratti hammeessanii jiraachuu jiraattoonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Exit mobile version